Aviiyeeshinii cimaan ijaaramuun Daandiin Qilleensaa Itiyoophiya addunyaarratti dorgomaa akka ta’u dandeessiseera – Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Ebla 16, 2017 (FMC) – Aviiyeeshinii cimaan ijaaramuun Daandiin Qilleensaa Itiyoophiya addunyaarratti dorgomaa akka ta’u dandeessiseera jedhan Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen.

Fooramiin Aviyeeshinii Itiyoophiyaa qaqqabumma geejjiba qilleensaa bal’isuu irratti xiyyeeffate eegalameera.

Kaayyoon fooramichaa geejjiba qilleensaa Itiyoophiyaa fi kan Afrikaa addunyaan walqabsiisuun qaqqabummaa isaa idil-addunyaa bal’isuu akka ta’es ibsameera.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa sadarkaa ardichaatti ga’ee guddaa ba’achaa akka jirus waltajjicha irratti himameera.

Fooramichi guddina geejjiba qilleensaa Afrikaa ariifachiisuu bira darbee akka Afrikaatti hudhaalee damichaan jiran furuu irratti akka xiyyeeffatus maree kanaan ka’eera.

Aviiyeeshinii cimaan ijaaramuun Daandiin Qilleensaa Itiyoophiya addunyaarratti dorgomaa akka ta’u dandeessiseera jedhan fooramicharratti kan hirmaatan Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen.

Comments (0)
Add Comment