Finfinnee, Bitootessa 19, 2017 (FMC) – Kabaja Ayyaana Fichee Cambalaalaa iddoolee hawwata Tuuriiziimii naannichaa waliin walitti hidhuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Tuuriizimii Salamaawiit Kaasaan ibsan.
Ayyaanni bara haaraa ummata Sidaamaa Fichee Cambalaalaan kabajamaa jira.
Hambaalee Kiliyaa biyyattiin qabdu keessaa Fichee Cambalaalaan tokko ta’uu eeraniiru.
Ayyaanicha sirnaan beeksisuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Sirna kabaja ayyaanichaa addunyaatti beeksisuun bakka ga’umsa Tuurizimii dorgomaa akka ta’u hojjetamuu qaba jedhan.
Birhaanuu Bagaashaawutu gabaase.