Ayyaanni Du’aa Ka’uun Iyyesuus Kiristoos ayyaana wareegamaa, cichoominaa fi abdiiti – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 11, 2017(FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa hundi baga guyyaa yaadannoo du’aa ka’uu Iyyesuus Kiristoos bara 2017 nagaan geessan jedhaniiru.

Ayyaanni yaadannoo Du’aa Ka’uun Iyyesuus Kiristoos ayyaana wareegamaa, cichoominaa fi abdiiti jedhan.

Kan miidhe addunyaadha, kan wareegame Kiristoos, kan badii raawwate dhala namaati, kan hirphe ammoo Kiristoos, abbaan idaa nama, kan kaffale Kiristoos jedhan ergaa isaaniin.

Du’uun Kiristoos tokko fayyuuf, tokko ammoo barnootaafi.
Hedduuf jecha wareegamni yoo hin kaffalamne hedduu oolchuun hin danda’amu.

Biyya, ummataa fi lammii fayyisuun yoo barbaadame wareegama kaffaluutu barbaachisa.

Kiristoos jechaan qofa hin dubbanne, fannoorra ooluun jaalalaa gochaan agarsiise.

Ofumaa araaraasaa, araaramaa fi wareegamaa ta’e.
Har’a namni Itiyoophiyaa jaalatu kamiiyyuu wareegamuuf qophii ta’uu qaba.

Wareegama biroon imaluu namoonni Ooriitii godhaniiru.
Hoolootaa kumaa fi Re’oota kuma wareeganii turan.garuu hin taane, biyya baraaruun kan danda’amu wareegama birootinii miti.
Ofii wareegamuun malee.

Humna, yeroo fi beekumsa ofiin malee.
Kabajaa fi anummaa wareeguni.

Biyya baraaruuf gara qajeeltummaa, araaraa fi marii fannootti of wareeguun barbaachisaadha jedhan.

Fannoon gidiraadha, arraba, garafamuudha, salphina. Yoo marii fi araaraaf of qopheessine hedduurraa arraba, abaarsaa, gidiraa fi rakkootu eegama.

Kan nu baasu garuu Liitoosxirraa hanga Qaraaniyootti Fannoo Itiyoophiyaa baachuudha.

Fayyina Itiyoophiyaaf jecha Fannoo baachuu qabna.
Fayyinni cichoominaan booda kan argamuudha.
Fannoo fuulduratti murtoo jumalaatu jira, abaarsatu jira, garafamuutu jira, daaromuutu jira, haallamuutu jira, aduu hamaatu jira, Addeessatu dhiiga uffata, urjiin harca’uutu jira.

Kiristoos kan hunda dura cichoominaan dhaabbate.
Kaayyoof jecha gidiraa obse, dhala namaa baraaruuf hunda danda’e.Biyyis cichoomina barbaaddi.

Murtoo jumalaa, abaarsoo, garafamuu, daaromuu, haallamuu fuuldura cichoominaan dhaabbachuu biyyi ni barbaaddi.
Fannoon abdii, qormaanni akka darbu abdii kenna. Kan Jimaata arge Dilbanni kan dhufu itti hin fakkaatu ture.

Awwaalchaarraa dhagaan kan hin kaane fakkaata ture.Dukkanni darbee ifti kan dhufu hin faakkatu ture. Garuu hunda ni ta’e. Gooftaan seenaa jijjiire.

Abdiin harka isaa jira. Jimaata booda Dilbata, Du’a booda jireenya, awwaalcha darbuun fayyina agarre.

Kanneen fayyina Itiyoophiyaaf dhamaatan hedduudha. Yeroon dhukkubbii darbaa jira.Amma Jimaata galgala geenyerra.

Guyyaa Cichoominaan booda Fayyina Itiyoophiyaatu dhufa.
Kanneen deeman hedduun ni deebi’u, kan dogogoran of hubatu,hedduun iyya Jimaataan ni qaana’u, ni bittinnaa’u, kan awwaalchaa eegan ni rifatu.

Fayyinni Itiyoophiyaan garuu hin hafu.
Du’aa Ka’uun Iyyesuus Kiristoos Israa’eelii addunyaaf akka ifoome, Itiyoophiyaanis addunyaaf ifa taati.

Ayyaanni yaadannoo Du’aa Ka’uu Iyyesuus Kiristoos kana nu barsiisu kana jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment