Ayyaanni Iid Alfaxir akkaataa duudhaa amantichaa eegeen kabajamuu qaba – Hajii Ibraahiim Tufaa

Finfinnee, Bitootessa 20, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Hajii Ibraahiim Tufaan Ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1446ffaa sababeeffachuu ergaa hawwii gaarii dabarsaniiru.

Hawaasni Musliimaa Ayyaana Iid Alfaxir wayita kabaju akkaataa duudhaa amantichaa eegeen kabajuu akka qaban dhaamaniiru.

Lammiilee rakkoolee garaagaraa keessa jiranii fi harka qalleeyyii garaaruun akka kabajan gaafataniiru.

Soomni Ramadaanaa bara kanaa Sooma jaalalli, waliif yaaduun, tokkummaa fi waloominni guddaan itti mul’ate ta’uu kaasaniiru.

Baatii kana keessa sagantaaleen Afxiraa waloo bal’inaan gaggeeffamuu himaniiru.

Ayyaanni Iid Alfaxir har’a galgala Baatiin yoo mul’atte Boru, yoo har’a hin mul’anne ammoo Wiixata dhufu akka kabajamu himaniiru.

Jamaal Ahimadiitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment