Finfinnee, Mudde 17, 2017 (FMC)-Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaatti kan kabajamu Ayyaannni Waggaa Qullubbii Gabre’eel miidhaginaan akka kabajamuuf qophii gahaan taasifamuu Humni Qindaa’aan Nageenyaa fi Tasgabbii beeksise.
Poolisiin Federaalaa, Poolisiin Oromiyaa, Poolisiin Hararii, Poolisiin Dirree Dhawaa fi Raayyaan Ittisa Biyyaa walta’uun qophii gahaa taasisuun hojii eegaluu ibsaniiru.
Hojiin sakatta’aa daandiiwwan ijoo, qaamolee bulchiinsaa fi abbootii amantaalee akkasumaas hawaasa naannawaa walta’uun gaggeessuu fi hojiileen nageenya amansiisaa mirkaneessuu hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Hirmaattonni ayyaanichaa balaa tiraafikaaf akka hinsaaxilamne konkolaachistoonni seera tiraafikaa kabajuun akka konkolaachisan humnichi hubachiisuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.
Hawaasni naannawichaas keessummoota ayyaanichaa simachuun walta’insa barbaachisaa akka taasisuu fi haalota yaaddoo ta’an wayita hubatu karaa Appilikeeshinii hirmaannaa lammiilee Poolisii Federaalaa yookaan karaa bilbila bilisaa 991’n eeruu kennuu akka danda’an akeekera.
Dabalataan qaamolee nageenyaa naannawichatti argamanitti eeruu kennuun itti gaafatama lammummaa isaanii akka bahatan waamichi dhiyaateera.
#Oromia #Ethiopia