Finfinnee, Ebla 9, 2017(FMC)- Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa bu’aa caalbaasii sharafa alaa har’a geggeesse ifoomseera.
Sirna caalbaasichaa irratti baankonni 26 kan hirmaatan yoo ta’u, gatiin giddugaleessaa doolaara Ameerikaa tokkoo Birrii 131.4961 ta’uun ibsameera.
Haala gabaa sharafa alaa dhiyeenyaan hordofuun akkaataa barbaachisummaa isaatti gurgurtaa dabalataa akka geggeessuu malus baankichi ibsuu isaa ragaan baankicha irraa argame ni mul’isa.
Caalbaasiin sharafa alaa itti aanus torban lamaan itti aanan keessatti akka geggeeffamu ibsameera.