Baankiin Abiisiiniyaa Doolaara miiliyoona 300 fi miiliyoona 49 liqaaf dhiyeesse

Finfinnee, Bitootessa 28, 2017 (FMC) – Baankiin Abiisiiniyaa hanqina sharafa alaa furuuf bara baajataa kana Doolaara miiliyoona 300 fi miiliyoona 49 liqaaf dhiyeessuu beeksiseera.

Baankichi kurmaana 3ffaa keessa qofa maamiltootni kumni 1 ol Meeshaalee garaagaraa alaa akka galchan Doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 89 fi kuma 82 ol liqaan akka argatan taasiisuu himeera.

Sharafa alaa tasgabbeessuun guddina diinagdee biyyaalessaa keessattu gumaacha isaarraa eegamu bahuu cimsee kan itti fufu ta’uu himeera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment