Finfinnee, Guraandhala 17, 2017 (FMC )- Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa caalbaasii addaa Sharafa alaa guyyaa boruu kan gaggeessu ta’uu ibseera.
Kibxata Guraandhala 18, 2017 caalbaasichaan doolarri miiliyoonni 60 kan dhiyaatuu fi baankota hundaaf banaa ta’uun ibsameera.
Baankichi dhimmicha ilaalchisuun odeeffannoo baaseen, sagantaa Riifoormii diinagdee gooroo hordofee madaala kaffaltii alaan keessattuu daldala alaan daddabarsi maallaqaa sadarkaa olaanaan foyya’insa argamsiisuu ibseera.
Keessattuu baatiiwwan muraasaa as warqee gara gabaa alaatti erguun aangoo kan qabu Baankii Biyyaalessaa qofa ta’uun, kuufamni hammamtaa warqee dabaluun sharafni Idil Addunyaa baankichaa gadi aanaa ta’uun eerameera.
Yaa’iinsi sharafa alaa baankichaa dabaluun bu’aa gaarii riifoormichaa ta’us, akkaataa imaammata guddina maallaqaa baankichaa fi galma qaala’iinsa jireenyaa gufachiisuu hin dandeenyetti hojiirra ooluu akka qabu hubachiiseera.
Kanaaf bittaa warqee baankichi taasisuun walqabatee guddina dhiyeessii maallaqaa ilaalcha keessa galchuun kuufama olaanaa sharafa alaa baankicha bira jirurraa walakkaa damee dhuunfaaf kennuun gabaarratti dhiyeessii sharafa alaa fooyyessuuf baankichi sharafa alaa murtaa’e baankotaaf caalbaasiin gurguruuf murteessuu beeksiseera.
Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa yeroo itti aanutti haala gabaa sharafa alaa itti dhiyeenyatti hordofuun akkaataa barbaachisummaa isaatti gurgurtaa sharafa alaa kan taasisu ta’uu eerameera.
Kunis qaama tarsiimoo baankichi tasgabbii gatii fi diinagdee alaa mirkaneessuuf kaa’e ta’uu ibseera.
Baankonni caalbaasicharratti akka hirmaatan waamicha dhiyeesseera.
#Oromia #Ethiopia