Finfinnee, Guraandhala 18, 2017 (FMC) – Baankiin Biyyaalessa Itiyoophiyaa caalbaasii addaa Sharafa alaa gaggeessaa ture milkaa’inaan xumuruu ibseera.
Caalbaasichaan baankonni 27 hirmaachuu Baankiin Biyyaalessaa gama Miidiyaa hawaasummaa isaan beeksiseera.
Haaluma kanaan gatiin sharafa alaa olaanaan Doolaara Ameerikaa 1 Birrii 135. 6185 ta’ee galmaa’uu eereera.
Baankota Caalbaasicharratti hirmaatan galateeffachuun, sharafa alaa dhiheenyatti hordofuuf fuulduratti caalbaasii dabalataa kan gaggeessu ta’uu ibseera.
#Oromia #Ethiopia