Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa sirna kaffaltii Maaster Kaardii eegalchiise

Finfinnee, Bitootessa 18, 2017 (FMC) – Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Dhaabbata kaffaltii idil-addunyaa Maastar Kaardii waliin ta’uun sirna kaffaltii Maaster Kaardi eegalchiiseera.

Sirni kaffalttii kun sirna kaffaltii diijitaalaa Itiyoophiyaa fooyyessuuf kan gagaraaru ta’uufi bittaafi gurgurtaa idi-addunyaa raawwachuuf kan dandeessisuudha jedhame.

Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa kanaan dura Maaster Kaardii waliin damee faayinaansiin tumsaan  hojjechaa tureera.

Sirnicha Pireezidaantiin Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Abbee Saannoo fi Afrikaatti Pireezidaantiin Maaster Kaardii Maark Iiliiyoot eegalchiisaniiru.

Yashaambal Mihiiretitu gabaase.

Comments (0)
Add Comment