Baatiiwwan 8 darban al-ergii bunaarraa galii Doolaarri biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 200 argame

Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Baatiiwwan 8 darban buna toonii kuma 200 fi kuma 57 gabaa alaaf dhiyeessuun galiin Doolaarri biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 200 argamuu ibsame.

Bara kana galii bunarraa argamu Doolaara biiliyoona 2’n gahuuf hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayee Itiyoophiyaa ibseera.

Rakkoolee karoora kanatti gufuu ta’uu danda’an furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Daayrektarri Itti aanaa fi Itti gaafatamaan damee bittaafi gurgurtaa Abbaa Taayitichaa obbo Shaafii Umar Faanaa Miidiyaa Korporeeshinitti himaniiru.

Raawwiin yeroo ammaas karoorri qabame milkaa’uu akka danda’uuf agarsiistuu ta’uu eeranii, hojimaanni rakkoolee qooda fudhattoota gidduu jiran furuu dandeessisu hojiirra oolfamaa akka jiru dubbataniiru.

Sa’ud Arabiyaa, Jarman, Ameerikaa, Beeljiyeem, Kooriyaa Kibbaa, Eemireetota Araba Gamtoomanii, Xaaliyaanii, Joordaan, Chaayinaafi Jaappaan biyyoota buna Itiyoophiyaa bituun toora jalqabaarra hiriiran ta’uun eeraniiru.

Gabaa Awustaraaliyaa, Raashiyaafi Taayiwaan dabalatee biyyoota Eeshiyaa biroo keessa galuuf hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Zufaan Kaasaahuuntu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment