Baatiiwwan 8ttan darbanitti lammiiileen miliyoona 20 qorannoo dhibee busaa argatan- Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Ebla 14, 2017(FMC) –  Baatiiwwan saddeettan darban keessa lammiilee miliyoona 20 ta’aniif qorannoon dhibee busaa geggeeffamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Lammiilee qorannoo kana argatan  keessaa dhiiga namoota miliyoona 8 fi kuma dhibba 2  keessatti dhibichi aragamuus ibseera.

Aanaaleen dhibichi itti hammaatu 222 adda baafamuun itti dhiyeenyaan waan hordofameef dhiibbaan dhibee kanaa % 76 irraa gara % 40tti gadi bu’uu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa ibsaniiru.

Akka biyyaatti tatamsa’ina dhibee kanaa ittisuuf qindoominaan hojjetamaa jiras jedhan.

Haaluma kanaan manneen miiliyoona 1 fi kuma 800 irratti kemiikaalli biifamuunis himameera.

Guyyaan busaa idil addunyaa Ebla 17 sadarkaa biyyaatti Yuuniivarsiitii Jimmaatti akka kabajamus Dooktar Darajjeen ibsaniiru.

“Kalaqawwan haaraa fi qabeenya jiru qindeessuun kutannoo hunda hammateen busaa haa ittisnu!” mata-duree jedhuun akka kabajamuu fi qorannoowwan haaraan  ifa akka ta’anis eeraniiru.

Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.

Comments (0)
Add Comment