Baatiiwwan 9 darban manneen barnootaa idileen duraa kumni 1 fi 250 ijaaramuun ibsame

Baatiiwwan 9 darban manneen barnootaa idileen duraa kumni 1 fi 250 ijaaramuun ibsame

Finfinnee, Ebla 6, 2017 (FMC) – Baatiiwwan 9 darban manneen barnootaa idileen duraa kumni 1 fi 250 ijaaramuu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan ibsan.

Piroofeesar Birhaanuu Naggaan gamaaggama raawwii karoora baatiiwwan 9 darbaniirratti ibsa kennaniin, hanqinni ogummaa barsiisotaa, bu’uuraaleen manneen barnootaa guutamuu dhabuun, rakkoon sirna barnootaafi hanqinni dhiyeessii kitaabilee rakkoolee mudatan ta’uu eeraniiru.

Bara darbe sosochii “ Barnoota Dhalootaaf” jedhuun hawaasarraa Birrii biiliyoonni 27 fi miiliyoonni 500 sassaabamuun manneen barnootaa ijaaramuufi haaromfamuu yaadachiisaniiru.

Bara kanas sosochii kana itti fufsiisuun deeggarsi maallaqaa, gosaafi humna namaa Birrii biiliyoona 54  sassaabamuun manneen barnootaa hedduun ijaaramuufi suphamuu ibsaniiru.

Baatiiwwan 9 qofa manneen barnootaa idileen duraa kumni 1 fi 250, manneen barnootaa sadarkaa 1ffaafi giddugaleessaa 390 akkasumas manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa 200 ta’an ijaaramuu eeruun, manneen barnootaa kumni 22 haaromfamuu himaniiru.

Hojii gama Kanaan hojjetameen hojiin baruufi barsiisuu mijataa taasifamuu dubbachuu TOI gabaaseera.

Manneen barnootaa idileen duraa Kanaan dura naannawaa magaalotaa qofaatti beekaman kutaalee biyyattii hundaan gahuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment