Finfinnee, Ebla 9, 2017(FMC)- Baatiwwan saglan darban hojiileen bu’aa qabeessi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisan hojjetamuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.
Dubbii Himaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoon ibsa miidiyaaleef kennaniiru.
Ibsa isaaniin, baatiwwan saglan darban damee siyaasaa fi diinagdeen akkasumas diippiloomaasii lammiilerratti xiyyeeffateen hojiileen hojjetaman bu’aa qabeessa ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan hariiroon biyyoota Ollaa waliin qabdu akka itti fufuuf hojiileen hojjetamuu ibsuun, Biyyoota Afrikaa fi kanneen biroo waliin walga’iin Komishinii waloo gaggeeffamuus kaasaniiru.
Dhimma karra Galaanaan wal qabatee waldhabdeen ture kara Dioppiloomaasii nagaan furamuus himaniiru.
Dippiloomaasii diinagdeen yaa’iinsa invastmantii alaa fooyyeessuuf kan deeggaran waltajjiiwwan143 qopheessuun dhaabbileen alaa 530 carrawwan invastimantii Itiyoophiyaan qabdu akka ilaalan taasifamuus dubbataniiru.
Hojii dippiloomaasii lammiilerratti xiyyeeffateen lammiileen biyyoota garaagaraatti haala rakkisaa keessa turan gara biyyaatti akka deebi’an taasisuu fi mirgi fi kabajni lammiilee akka eegamu taasifamuu Ambaasaaddar Nabiyaat eeraniiru.
Andu’aalem Tasfaayeetu gabaase.