Baatiwwan Jahan darban galmeessii fi eeyyamni Daldalaa miiliyoonni 2 fi kumni 50 ol onlaayiniin kenname – MDWHN

Finfinnee, Guraandhala 7, 2017 (FMC) – Baatiwwan Jahan darban galmeessii fi eeyyamni Daldalaa miiliyoonni 2 fi kumni 50 ol onlaayiniin kennamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Ministeerichi raawwii hojii bara bajataa 2017 walakkaa waggaa seektara Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa magaalaa Buttaajiraatti gamaaggamaa jira.

Galii daldala alaa waliigalaarraa Doolaarri biiliyoonni 3.28 argamuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walittti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen ibsan.

Kunis raawwii bara darbeerra Doolaara biiliyoona 1.71 caalmaa qaba jedhan.

Gabaa simmintoo tasgabeessuun gatii isaas dachaan gadi buusuun danda’amuu eeraniiru.

Qajeelfama Gabaa ashaboos duraan olaantummaa qaama tokkoon qabamee ture hundaaf banaa taasifamuu kaasaniiru.

Miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunya ta’uuf marii ulaagawwan barbaachisaan guutuun mari’atamaa jiraachuu Dooktar Kaasahuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment