Finfinnee, Amajjii 22, 2017 (FMC) – Balaa Xiyyaaraa Ameerikaa Waashingitan DCtti Helikooptarri Waraanaa fi Xiyyaarri walitti bu’uun mudateen hanga ammaatti lubbuun namoota 19 darbuun ibsameera.
Xiyyaarri imaltoota 60 fi hojjettoota balallii 4 fe’ee imalaa ture Helikooptara Loltoota 3 fe’ee balali’aa tureen walitti bu’uun laga keessatti kufuu Bulchiinsi Ayiveeshinii Ameerikaa ibseera.
Ka’umsi balichaa hanga ammaatti adda bahuu baatus balaa sukaneessaa kanaan namoonni hedduun du’uu akka hin oolle eerameera.
Hojii lubbuu baraaruu hanga ammaatti hojjetameen Reeffi namoota 19 laga keessaa argamuu BBCn gabaasera.
#Oromia #Ethiopia