Bitootessi 24 guyyaa dameelee hundaan injifannoo cululuqaan itti galmaa’e- Aadde Alamituu Umood

Finfinnee, Bitootessa 24, 2017(FMC) – Bitootessi 24 guyyaa dameelee hundaan injifannoo cululuqaan itti galmaa’e jedhan Pireezidaantiin Naannoo Gambeellaa Aadde Alamituu Umood.

Gaambeellaatti milkaa’inoota jijjiirama biyyaalessaafi kallattiiwwan fuuldurraarratti xiyyeeffate gaggeeffameera.

Aadde Alamituun ergaa waltajjicharratti dabarsaniin, Bitootessi 24 guyyaa cabiinsi Itiyoophiyaa itti  suphame, qormaatileen turan gara carraatti jijjiiramuun damee hundaan bu’aan galmaa’e ta’uu ibsan.

Keessumaa misooma qonnaa cimsuuniifi ammayyeessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin hojjetame bu’aa guddaa galmeessisuu kaasaniiru.

Seenessa qeenxee waliin jireenyaaf gufuu ta’e hambisuun seenessa waloo uummata Itiyoophiyaaf faayidaa gama maraa qabu ijaaruurratti hojjechuun barbaachisaa akka ta’e ibsuusaanii ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment