Bitootessi 24, guyyaa seena qabeessa biyya keenya gara boqonnaa haaraatti ceesisedha- Obbo Kaffaloo Tafarraa

Finfinnee, Bitootessa 23, 2017 (FMC) – Bitootessi 24, guyyaa seena qabeessa biyya keenya gara boqonnaa haaraatti ceesisedha jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaloo Tafarraan.

Imala jijjiiramaa biyyi keenya eegalte gara boqonnaa haaraatti kan ceesise bitootessi 24, milkaahinoota siyaas-diinagdee fi hawaasummaa dam-daneessa ta’aniif bu’uura kan kaa’e ta’uu ibsan.

Ifa jijjiiramaa bitootessa 24, 2010 biyya keenyatti saaqameen gaaffilee baroota kan turan gaaffiin diinagdee, diimokiraasii fi eenyummaa kallattii sirrii akka qabatan gochuudhaan biyya keenya boqonnaa haaraatti tarkaanfachiisuun kan danda’ame yemmuu ta’u, milkaahinootni siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa hedduunis galmaahuu ibsaniiru.

Aadaa siyaasaa ture jijjiiruudhaaf sochii taasifameen dirree siyaasaa, bilisummaa miidiyaalee mirkaneessuu fi dhaabbilee ciccimoo dhiibbaa siyaasaa irraa bilisa ta’an ijaaruu dabalatee filannoo bilisaa fi hirmaachisaa ta’e gaggeessuudhaan fudhatamummaa hawaasaa guddisuun danda’ameera jedhan.

Imaammata diinagdee yaadama sirrii irraa maddeen diinagdee dam daneessa fi itti fufiinsa qabu ijaaruun kan danda’ame yemmuu ta’u, biyyi keenyaa seenaa kadhaa fi eeggattummaa keessaa baatee wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu fi al ergii guddisuudhaan boqonnaa haaraatti cehuu kan dandeessee ta’uus ibsaniiru.

Hojiilee hawaasummaa namooma bu’uureffatanii raawwatamaniinis  yaadamni ida’amuu gochaan mirkanaahaa  kan jiru yemmuu ta’u, hojiiwwan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hedduunis hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Riifoormiiwwan dhaabbilee haqaa, nageenyaa fi biroo irratti taasifameen uummanni tajaajila iftoomina qabuu fi bilisa ta’e akka argatu godhamaa jiraachuu himaniiru.

Bu’aa qabsoo saboota, sablammootaa fi uummattoota biyyattii kan ta’e bitootessi 24, Itoophiyaa sodaa bittinnaa’uu irraa baraaree birmadummaa kan goonfachiisee fi hariiroo fi walitti dhufeenya lammiilee cimsuudhaan tokkummaa sab-daneessa bu’uura cimaa irratti ijaaruu kan eegale waan ta’eef guyyaa addaa utubaa ce’umsa jijjiiramaa ta’edha jedhaniiru.

Milkaahinoota gama hundaan argamaniif bu’uurri hirmaannaa fi deeggarsa hawaasaa ta’uu ibsuun galateeffatanii, injifannoowwan gurguddoon qormaatilee tarkaanfanii galmaahaa jiran caalmaatti akka itti fufanuu fi mul’atni bara fakkeenya badhaadhina Afrikaa ta’uu fi bara 2043 tti dinagdee guddaa sadarkaa addunyaatti 11ffaa ta’e ijaaruuf qabame akka galma gahuuf abbaa jijjiiramichaa kan ta’e hawaasni naannoo fi biyya keenyaa tumsa itti fufiinsaa akka taasisu dhaamaniiru.

Comments (0)
Add Comment