Finfinnee, Ebla 12, 2017(FMC)- Embaasiiwwaniifi Ambaasaaddaroonni Ayyaana Yaadannoo Du’aa Ka’uu Iyyesuus Kiristoos sababeeffachuun hordoftoota amantaa kiristaanaaf ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Iivgeenii Tarkhiin ergaa dabarsaniin, ayyaanichi kan nagaafi gammachuu akka ta’u hawwuun, waqtiin ayyaanaa Itiyoophiyaanotaaf fayyaa, nagaafi abdii fidee akka dhufu abdiin qaba jedhaniiru.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Irviin Maasiingaan, hordoftoota amantaa kiristaanaa Itiyoophiyaafi guutuu addaunyaa ayyaanicha kabajaniif ayyaanichi kan gammachuu akka ta’u hawwaniiru.
Itiyoophiyaatti Embaasiin Israa’el, hordoftoota amantaa kiristaanaaf ayyaanichi kan gammachuufi eebbaa akka ta’u hawwii qabu ibseera.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Paakistaan Atiif Shariif, hordoftoota amantaa kiristaanaan baga geessan jedhaniiru.
Kana malees Itiyoophiyaatti Embaasiiwwan Iraan, Ingiliz, Neezerlaand, Siwiidiin, Aljeeriyaa, Awustiraaliyaa, Jermen, Xaaliyaaniifi Siriilaankaa ergaa baga geessanii dabarsaniiru.