Biyyoonni miseensota Ergama Deeggersa Loltummaa Gamtaa Afrikaa Inteebeetti walga’ii taa’aa jiru

Finfinnee, Ebla 17, 2017 (FMC) – Biyyoonni miseensota Ergama Deeggersaa fi Tasgabbii Loltummaa Gamtaa Afrikaa Inteebee Yugaandaatti walga’ii taa’aa jiru.

Itiyoophiyaa baka bu’uun jilli Ministira Raayyaa Ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammadiin durfamu walga’icharratti hirmaataa jiraachuu ragaan Yugaandaattii Embaasii Itiyoophiyaa irraa argame ni mul’isa.

Itiyoophiyaa, Keeniyaa, Yugaandaa, Jibuutii fi Ijipti biyyoota Ergama Deeggersa Loltummaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaaf loltoota kennanii dha.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment