Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa harka qalleeyyiif maaddii qoode

Finfinnee, Ebla 10, 2017 (FMC) – Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun kutaalee hawaasa harka qalleeyyii kuma 2 oliif maaddii qoodeera.

Qaama miidhamtoota dabalatee kutaalee hawaasaa harka qalleeyyiif deeggarsa Lukkuu, Killee, Zayita Nyaataa fi Daakuu kenneera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa hundaan baga geessan jechuun ummanni aadaa walgargaarsaa qabu haaromsuun waliin dabarsuu akka qabu dhaamuu ragaan Kominiikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment