Bulchiinsi Magaalichaa gamaaggama raawwii Hojii baatiiwwan saglan darbanii gaggeessuu eegale

Finfinnee, Ebla 20, 2017 (FMC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee gamaaggama raawwii karoora hojii baatiiwwan saglan darbanii Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeessuu eegaleera.
Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen gama miidiya hawaasummaa isaaniin, gamaaggamichaan milkaa’inoota baatiiwwan saglan darbanii sakatta’uu fi ciminoota cimsuuf akkasumas gamaaggama raawwii ji’oota jahan darbaniin duubdeebii fi kallattii kennamerratti hundaa’uun dhimmooni madda ka’umsa komii ummataa ta’an gadi fageenyaan kan qorataman ta’uu ibsaniiru.
Dabalataniis rakkoo hoggansaa furuuf , hanqina dhaabbata hoggannuu adda baasuun fooyya’insi haggam akka mul’atee fi haqina hatattamaan furuun jijjiirama argamerrattis kan mari’atamuu ta’uu himaniiru.
Akkasumas karoora baatiwwan hafanii haala guutuu ta’een milkeessuuf haalota dandeessisan irratti waliigaluun, hanqinaalee adda baafaman furuun ummataa keenyaaf akkaataa waadaa galleen tajaajiluuf caalmaatti kan itti of qopheessinu ta’a jedhaniiru.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment