Finfinnee, Onkololeessa 5, 2014 (FBC)- Bulchiinsi Magaala Finfinnee waggaa tokkoo as weerara lafaa seeraan halaa dabalatee rakkoolee lafaa fi lafaan wal qabatan irratti jijjiirama bu’uuraa fiduuf hojiilee garaagaraa hojjechaa turuu isaa ibsameera.
Qaamoleen gocha weeraraa fi saamicha lafaa irratti bobba’an irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhachuu fi seeraan gaafachuuf baatiiwwan darbanitti hojiin qulqulleessuu hojjetamuu sadarkaa kantiibaatti hoji gaggeessaan magaalichaa obbo Xiraatuu Bayyanaa ibsaniiru.
Naannoo magaalichaatti bakkeewwan misooma magariisaaf kaa’amanii fi bakkeewwan namoota misoomaaf kaafamaniif bakka buufaman karaa seeraan alaa faayidaa dhuunfaaf ooluuf turuu ibsaniiru.
Gocha seeraan alaatiin kutaalee bulchiinsa magaalaa Aqaaqii Qaalittii, Kolfee, Boolee, Eekkaa fi Lammii Kuraa keessatti qabiyyeen lafaa 497 maqaa qonnaan bultootaan kara seeraan alaa kaartaan baafamuufii ibsameera.
Lafa kanaan dura baankii lafaa magaalichaatti deebii heektaara kuma 1 keessaa heektaarri 383 irra deebiin weeraramuu hojii ququlleessuun kan bira ga’ame ta’uu ibsaniiru.
Bakkeewwan misooma magariisaf qabaman 252 keessaa 35 namoota dhuunfaan dallaan itti ijaaraman gara baankii lafaatti deebi’uu ibsaniiru.
Weerara lafaa seeraan alaa, dhimmoota lafaan walqabatan irratti hanqina hojimaataa mul’atan furuuf bulchiinsi magaalichaa waggaa tokkoo as jijjiirama bu’uuraa fiduuf hojiilee garaagaraa hojjechaa turuu ibsameera.
Qonjiit Zawdeetu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.