Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa FMC’f  kompiitaroota deggarsaan kenne

Finfinnee, Bitootessa 23, 2017(FMC) – Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa damee dijiitaalaa Faanaa Miidiyaa Korporeeshin deggaruuf kan oolan kompiitaroota ammayyaa deggersaan kenneera.

Dhaabbileen lamaan hariiroo isaanii caalmaatti  cimsuu  fi waliin hojjechuuf waliigalaniiru.

Saganticharratti Gorsaan Dhimmoota Hawaasummmaa Ministira Muummee fi Walitti-qabaan Boordii Faanaa Miidiyaa Korporeeshin Diyaaqon Daani’eel Kibrat, ltti aanaan Daayrikteera Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Daani’eel Guutaa fi hoggantoonni Faanaa Miidiyaa Korpooreshinii argamaniiru.

Diyaaqon Daani’eel Kibirat, Bulchiinsichi miidiyaaleef deggarsa yoo kennu yeroo jalqabaa akka hin taane ibsan.

Barichi kan dijiitaalaa waan ta’eef Faanaa ammayyeessuu fi teeknooloojii barichi irra ga’e waliin akka deemuuf deggarsi kenname gumaacha guddaa akka qabu eeraniiru.

Obbo Daani’eel Guutaa gamasaaniin, dhaabbileen lamaan yeroo adda addaatti waliin hojjechuu yaadachiisanii, deggarsi kennames damee dijiitaalaa Faanaa Miidiyaa Korporeeshin caalmaatti ammayyeessuuf akka gargaaru dubbataniiru.

Bulchiinsichi yeroo itti aanuttis dameelee adda addaan Faanaa waliin akka hojjetu mirkaneessaniiru.

Hojii Raawwachisaan Faanaa Miidiyaa Korpooreshin Admaasuu Daamxoo gama isaaniin, deggarsa kennameef galateeffatanii, tumsa dhaabbaticha waliin qaban cimsanii akka itti fufsiisan hubachiisaniiru.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeetu gabaase.

Comments (0)
Add Comment