Finfinnee, Bitootessa 16, 2017 (FMC) –Ijaarsi buufata konkolaataa Qindaa’aa magaalaa Walisoo %95 qaqqabuu Biiroon Daandiiwwanii fi Loojitiksii Oromiyaa ibse.
Buufatichi baajata Mootummaa Birrii miiliyoona 200 fi Miiliyoona 65 fi kuma 400 fi Kuma 90 oliin ijaaramaa jiraachuu Hogganaan Itti aanaa biirichaa fi Itti Gaafatamaan Damee Misooma Bu’uuraalee Geejjibaa fi Loojistiksii Injiinar Jaagamaa Dagabaasaan Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Yeroo amma ijaarsi buufatichaa % 95 qaqqabuu ibsuun, walakkaa baatii Eblaatti xumuramuun tajaajilaaf kan banamu ta’uu Injiinar Jaagamaan dubbataniiru.
Ijaarsi buufatichaa bara 2013 eegalame.
Buufaticha keessatti tajaajilli hunda galeessaa bakka tokkotti kan kennamu ta’uus Injiinar Jaagamaan eeraniiru.
Buufatichi tajaajila geejjiba ummataa, kaaffee, Suuqiiwwan, Faarmasii fi Kutaalee qulqullinaa kan of keessatti kan hammatedha jedhan.
Biirichi piroojektoota walfakkatoo ariitii fi qulqullinaan ijaaree xumuruun tajaajilaaf banuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia