Finfinnee, Bitootessa 22, 2017 (FMC) – Buufanniifi Terminaalli Samaraa buufataalee galaanaatti dhihoo waan ta’eef daran misoomuu akka qabu ibsameera.
Hoggantoonni olaanoon Dhaabbata Hooldiingis Invastimantii Itiyoophiyaa Buufataafi Terminaala Samaraa akkasumas Miileetti biiroo qindeessaa daawwataniiru.
Hoggantoonni kunneen hojiilee oppireeshinii, bu’uuraalee misoomaafi ijaarsa piroojektootaa daawwachuun eerameera.
Buufanniifi Terminaalli Samaraa dhiyeenya buufataalee galaanaa biyyoota ollaatti waan argamuuf daran misoomuu akka qabu Hojii Raawwachiisaa Olanaan Dhaabbata Hooldiingis Invastimantii Itiyoophiyaa Dooktar Biruuk Taayyeen ibsaniiru.
Dabalataanis hoggantoonni kunneen Biiroo Qindeessaa Miileetti woorkishooppiiwwaniifi gaaraajii suphaa ammayyaa ijaarsarra jiran, terminaala konkolaattotaafi piroojektoota daandii daawwachuu eerameera.