Buufataalee Boba’aa Magaalaa Finfinneetti hiriirri konkolaattootaa maaliif baay’ate?

Finfinnee, Bitootessa 25, 2017 (FMC)- Faanaa Dijiitaal galgala kana magaalaa Finfinnee buufataalee Boba’aa garaagaraatti daawwannaa taasiseen,hiriirri dhedheeraa konkolaatoota boba’aa eeggatanii baayi’naan jiraachuu hubateera.

Akka fakkeenyatti buufata Boba’aa Nook naannawaa Richee, Garajii tele hanga Hoteela Giloobaalii fuuldura jiru, naannawaa Fannoo Diimaa buufata boba’aa jiru, Ministeera Geejjibaa hanga hoteela Giyon fuuldura, Laga Harree Gamoo Yahaa eegalee hanga Mana baruumsaa Qidduus Yooseefitti hiriirri konkolaataa dhedheeraan jiraachuu ilaaleera.

Sababni hiriirichaa hanqina Naafxaa ta’uu konkolaachiftonni Faanaa Dijiitaaliif ibsaniiru.

Abbaa Taayitaa Boba’aa fi Inarjiitti Daayirektarri Kominikeeshinii Baqqalachi Kumaa, Guyyottan darban Bakkewwan tokko tokkotti hanqinni boba’aa mudachuu dubbataniiru.

Kunis sababa ayyaana Ramadaanaa hordofee guyyoota sadiif Jibuutii keessatti hojiin dhaabachuu fi boba’aan Itiyoophiyaa seenuu dhabuun walqabatee rakkoo uumame ta’uu himaniiru.

Hanqina mudate furuuf kuusaa keessaa gara buufataalee boba’aatti hojiin raabsaa hojjetamuu Faanaa Dijitaaliif ibsaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment