Ce’umsi Dijitaalaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa cimee itti fufa – F/M Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Amajjii 29, 2017 (FMC) – Ce’umsi Dijitaalaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa cimee kan itti fufu ta’uu Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan ibsan.

Moosaajiin haaraan galmeessa, bulchiinsaa fi dabarsa manneenii Faawundeeshinii Raayyaa Ittisaa biyyaan hojiirra oolfamuuf leenjiin kennamaa ture xumurameera.

Xumuraa waltajjicharratti Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan, addunyaan teeknooloojiin hojiilee bal’aa hojjechaa akka jirtu fi Itiyoophiyaanis damicha hojiirraa oolachaa jiraachuu yaadachiisan.

Faawundeeshiniin Raayyaa Ittisa Biyyaas Waldaa Aksiyoonaa Maayikiroo Faayinaansii Injifannoo Adwaa, Qonnaan, Omishaalee Indaastirii fi dameewan biroon sochii bu’aa qabeessaa taasisaa jiru cimsuu akka qabu hubachiisan.

Raayyaan Ittisaa teeknooloojii dijitaalaa fayyadamuun ergama isaa raawwachuun sochii bu’aa qabeessaa taasisaa jira jedhanii, fuuldurattis qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ce’umsa dijitaalaa hojiileen cimsan akka hojjetaman dubbataniiru.

Dhaabbanni Faawundeeshinichaa bu’uura kallattii kaa’amuun, jireenya hawaasummaa Raayyaa fooyyessuuf ciminaan kan hojjetamuu fi hojiirra oolmaan moosaajii haaraas ergama jiran teeknooloojii dijitaalawaan haala bu’a qabeessa ta’een raawwachuuf kan kaayyeffate ta’uu Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Faawundeeshinii Raayyaa Ittisaa Birgaader Jeneraal Darajjee Magarsaa ibsaniiru.

Moosaajiin haaraan kunis Giddugala Teeknooloojii Kominikeeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaan kalaqame kun baasii Birrii miiliyoona 67 ol hambisuu akka danda’ame ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment