Finfinnee, Amajjii 27, 2017 (FMC)- Rippaablikiin Cheek Indaastirii Ittisaarratti Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf qophii ta’uu ibsite.
Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Ministira Ittaanaa Raayyaa Ittisaa Cheek Daani’eel Bilaazyikooveetis waliin mari’ataniiru.
Hariiroo cimaa biyyoonni lameen qaban damee ittisaan cimuu akka qabu Ambaasaddar Misgaanuun maricharratti ibsaniiru.
Dabalataan dhimmoota faayidaa waloo biyyoota lameeniirratti marii bu’aa qabeessaa taasisuud ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Daani’eel Bilaazykooveetis gama isaaniin biyyi isaanii damee indaastirii ittisaan, leenjii fi ce’umsa teeknooloojiin muuxannoo bal’aa qabdu qooduu fi waloon hojjechuuf qophii ta’uu himaniiru.
#Oromia #Ethiopia