Daa’imman miiliyoona 13. 8 oliif talaalliin dhibee pooliyoo kennamuufi

Finfinnee, Guraandhala 12, 2017 (FMC) – Guraandhala 14 – 17, 2017tti daa’imman miiliyoona13. 8 oliif talaalliin dhibee pooliyoo kan kennamu tahuu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa beeksise.

Talaallichi naannoo Oromiyaa, Sidaamaa,Tigraay, Kibba Itiyoophiyaa, Kibba Lixaa, Giddugaleessaa, Hararii fi Magaalaa Dirre Dhawaatti kan kennamu ta’uu ibseera.

Ogeeyyiin yaala Fayyaa kumni 84 fi 890 talaallicha kennuuf qophaa’uu himeera.

Akka naannoo Oromiyaatti daa’imman miiliyoona 8.3 ta’aniif talaalliin kun ni kennama jedhame.

Tizzitaa Dassaalenyitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment