Finfinnee, Guraandhala 15, 2017 (FMC) – Daandiin Baaburaa Itiyoo –Jibuutii Tajaajila Geejjibaa uummataa Tajaajila onlaayiniin bakka qabachuu kennuu eegalu beeksise.
Hoji Raawwachiisaan Dhaabbata Geejjibaa Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Injiinar Taakkalaa Uumaan gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Bara faranjoota Guraandhala 24,2025 irraa eegale imaltoonni Waraqaa eenyummaa Dijitaalaa fayyadamuun Kara oonlaayiiniin bakka qabachuun tajaajila argachuu kan danda’an ta’uu ibsaniiru.
Tajaajjilli Geejjiba Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Diijitaalaayizdii ta’uu eeruun, tattaaffiin kun tajaajila geejjibaa saffisaa fi qulqullina qabuu kennuuf dandeessisa jedhan.
Sirni Tajaajila Diijitaalaa kun walta’iinsa Itiyoo Teeleekoomii fi Sagantaa Waraqaa Eeenyummaa Diijitaala Biyyaalessaa waliin ta’uun kan qophaa’ee ta’uu kaasaniiru.