Daandiin Qilleensaa moggaasa “Air Congo” jedhuun hundeeffame hojii eegale

Finfinnee, Mudde 8, 2017 (FMC)- Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Mootummaa Rippaabilikii Diimookiraatawaa Koongoo waliin ta’uun, moggasa “Air Congo” jedhuun daandii qilleensaa hundeesse hojii eegalchiiseera.

“Air Congo” xiyyaarota booyiingi 737 buufataalee torban biyyattii keessatti balalii taasisuun tajaajila eegaluu ragaan daandii qilleensichaarraa argame ni mul’isa.

Qindoominni kunis qaama mul’ata Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa 2023 keessa tokko yoo ta’u, kanaan duraas daandiiwwan qilleensaa Loomee, Liiloongiwee, Luusaakaatti waloon hundeessuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment