Finfinnee, Guraandhala 14, 2017 (FMC)- Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa badhaasa Daandii Qilleensaa filatamaa fe’umsaa Afrikaa 2025 injifachuu beeksise.
Dabalataan Daandii Qilleensaa Fe’umsaa Idil Addunyaa guddina saffisaa galmeessaa jiru jedhamuun beekkamtii argachuu ragaan daandicharraa argame ni mul’isa.
Badhaasnii fi beekkamtiin kunneen daandiin qilleensichaa tajaajila fe’umsaa fi loojistiksii damee hedduu Idil Addunyaa amansiisaa fi saffisaa kennaa jiru kan mirkaneessu yoo ta’u, ga’umsa balalii fi tajaajiloota isaa cimsuun, sadarkaa Ardiitti dursummaa fi dorgomtummaa Idil Addunyaa itti fufsiisuuf kan gargaaru ta’uun ibsameera.
#Oromia #Ethiopia