Daawwannaa hojii Veetnaamiin waliigalteewwan tumsa biyyoota lamaanii cimsan taasiifaman – Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos

Finfinnee, Ebla 10, 2017 (FMC) – Daawwannaa hojii Veetnaamiin waliigalteewwan tumsa biyyoota lamaanii caalmatti cimsan taasiifamuu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos.

Damee barnootaa, Diingadee, Daldalaa fi Invastimantiin waliigatleewwan tumsa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf gargaaran taasifamuu himaniiru.

Dooktar Geediyoon, biyyoonni lamaan hariiroo waggoottan 50 olii qabaachuu eeruun, hoggansi olaanaan Itiyoophiyaa daawwannaa biyyattiitti taasiisuun isa jalqabaa ta’uu eeraniiru.

Daawwannichi hoggantoonni biyyoota lamaanii mariiwwanii fi waliigalteewwan hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsan akka taasiisan carraa uumuu dubbataniiru.

Akka fakkeenyaatti Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa gara Veetnaamitti balallii jalqabuuf waliigalteen mallattaa’uu eeruun, kun ammoo hariiroo ummattoota biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf qooda qabaachuu himaniiru.

Waliigalteen tumsa damee barnootaa, Diinagdee,Daldalaa fi Invastimantiisn godhamees uwwisa hariiroo biyyoota lamaan guddisuuf qooda qabaachuu kaasaniiru.

Yoonaas Geetinnatiitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment