Finfinnee, Guraandhala 28, 2017 (FMC) – Walakkaa waggaa kana keessatti ajandaawwan ijoo mootummaa bu’uureessurratti Damee Miidiyaa fi Koominikeeshiniin hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.
Gamaaggamnii Raawwii hojii baatiwwan jahan darbanii gaggeeffamaa jiru akka agarsiisuutti Damee Miidiyaa fi Kominikeeshinii ajandaawwan ijoo mootummaa bu’uureessurratti hojii bu’aa qabeessi hojjetameera jedhan Ministir Deetaan tajaajilichaa Obbo Kabbadaa Deesisaan.
Uummanni hojiilee misoomarratti akka hirmaatan hojii jajjabeessan hojjetamuu eeruun, keessattuu hawaasni hojii misooma Koriidarii hojjetamaa jirurratti akka hirmaatu damichi qooda olaanaa bahachuu dubbataniiru.
Taateewwan jajjaboo sadarkaa biyyaalessaatti raawwatamaniif uwwisa kennuun nageenya waareessuu fi tokkummaa sabdaneessummaa babal’isuurratti hojii gaariin hojjetamuu dubbataniiru.
Akkasumas olola diinaa fashaleessuurratti hojii bal’aan raawwatamuu himuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia