Dameen fayyaa jijjiirama bu’uuraa argamsiise – Dooktar Maqdas Dhaabaa

Finfinnee, Guraandhala 28, 2017 (FMC) – Waggoottan darban fooyyessi gurmaa’insaa hojiirra oole damee fayyaan jijjiirama bu’uuraa argamsiisuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan ibsan.

Dooktar Maqdas raawwii kallattiiwwan Tarsiimoowaa damee fayyaa ijoo ta’anirratti hoggantoota ministeerichaa waliin mari’ataniiru.

Akka biyyaatti gufuuwwan jiran dandamachuun galmoota kaa’aman milkeessuun danda’amuu ibsuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Imaammanni Fayyaa fooyya’ee bahe ragga’uun gara hojiitti galuun damichaan bu’aawwan akka galmaa’an qooda olaanaa bahachuu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment