Damichi Piroojektoota guguddoo biyyattiif gumaacha olaanaa gumaacheera – Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Ebla 16, 2017 (FMC) – Dameen Geejjibaa fi Loojistiksii Piroojektoota guguddoo biyyattiif gumaacha olaanaa gumaachuu Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen ibsaniiru.
Ministeerichii fi dhaabbileen waamamtootaa raawwii hojii baatiwwan saglan darbnii gamaaggamaniiru.
Raawwiin hojii Baatiwwan saglan darbanii jajjabeessaa ta’uu fi yeroo itti aanus caalmaatti cimee itti fufuu akka qabu Dooktar Alamuun hubachiisaniiru.
Hojiileen hafan baatiwwan itti aanan keessa xiyyeeffannoon akka hojjetaman kallattiin kaa’amuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment