Dargaggeessa meeshaalee gatamanirraa maashina faayidaa adda addaaf oolu hojjete

Finfinnee, Amajjii 16, 2017 (FMC) – Magaalaa Jimmaatti Dargaggoo Xaahir Hiisaan meeshaalee gatamanirraa maashina balfa walitti qabuu fi qonnaaf oolu hojjechuun ibsame.

Dargaggoo Xaahir naannoo jiraatutti humna namaa hedduutti fayyadamuun boollaa fi balfa adda addaa qulqulleessuun sirrii akka hin taane hubachuun Maashina kana kalaquu ibseera.

Maashinichi meeshaalee ulfaatoo adda addaa fe’uu, boolla banuu, balfa qulqulleessuu fi iddoodhaa gara iddootti sochoosuu akka danda’u ibseera.

Maashinni Beenzila liitira tokkoon sa’aatii sadiif hojjechuu akka danda’u himeera.

naannoo keenya haala gaariin yoo qoranne meeshaalee hojii kalaqaa adda addaatiif oolan argachuun akka danda’amu Dargaggoo Xaahir dubbateera.

Hojii kalaqaa kana caalmaatti babal’isuuf bakki hojii akka isa barbaachisu himeera.

Hojiin kalaqaa beekamtii argachuuf adeemsarra jiraachuun ibsameera.

Warqaafarraaw Yaalew fi Na’iimaa Sheekaliifaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment