Dargaggoonni miiliyoonni 22 ol tajaajila tola ooltummaa irratti hirmaachuun ibsame

Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Baatiwwan saglan darban dargaggoonni miiliyoonni 22 ol hojiilee tajaajila tola ooltummaa garaagaraarratti hirmaachuu Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen ibsan.

Dameewwan hawaasummaafi diinagdeen hirmaannaafi fayyadamummaan dargaggootaafi dubartootaa akka mirkanaa’uuf hojii bu’aa qabeessi hojjetamuu eeraniiru.

Itiyoophiyaan biyya imaammata lammiileerratti xiyyeeffatu hordoftu ta’uu kaasuun, lammiilee biyyoota garaagaraatti haala rakkisaa keessa turan kumni 44 ol gara biyyaatti deebifamuu himaniiru.

Dargaggoonni miiliyoonni 22 ol hojiilee tajaajila tola ooltummaa irratti hirmaachuun lammiilee miiliyoona 50 ta’an tajaajiluu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

Guddinni diinagdee galmaa’aa jiru guddinni hawaasummaa jiraachuu kan agarsiisu ta’uus ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment