Finfinnee, Bitootessa 22, 2017 (FMC) – Deenmaark tattaaffii Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf taasiftu deeggaruuf murannoo qabaachuu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Deenmaark Suunee Kiroogstiruuppi ibsan.
Deenmaark michummaa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuufi dameewwan garaagaraan tumsaan hojjechuuf murannoo qabaachuu Faanaa Diijitaalitti himaniiiru.
Biyyattiin guddina diinagdee Itiyoophiyaa deeggaruuf yeroo dhiyootti piroojektii biyyaalessaa haaraa akka ifoomsitu kaasuun, piroojektichi fooyyessa diinagdee Itiyoophiyaan hojiirra oolchite waliin kan walsimu ta’uu ibsan.
Abbootiin qabeenyaa Deenmaark Itiyoophiyaatti carraa hojii uumuu fi misooma diinagdee keessatti gahee olaanaa bahachaa jiraachuus kaasaniiru.
Deenmaark hariiroo gam-lamee Itiyoophiyaa waliin qabdu guddisuun dameewwan daldalaa, invastimantiifi misoomaarratti xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Masaafint Birilleetu gabaase.