Dhaabbanni Abbagaar Uummataa tajaajila uummataaf  maluu haala kennuun danda’urra jiraachuu ibse

Finfinnee, Guraandhala 25, 2017(FMC)- Carraan dhaabbileen diimokiraasii labsii mataa isaaniin bulanii fi walabummaan hojjetan uumamuu Abbaa gaarii Olaanaan Dhaabbata Abbagaar Uummataa Simmanyi Wubee ibsaniiru.

Dhaabbatichi heera mootummaa kan bu’uureffatee fi itti waamamaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ta’uus eeranii, hojjetoonnii fi geggeessitoonni dhaabbatichaa miseensa paartii siyaasaa kamiiyyuu ta’uu akka hin dandeenye dubbatan.

Kanaanis komiiwwan qaamolee hojii raawwachiistotaan dhiyaatan giddu-seentummaa tokko malee qoratee yaada murtii akka kennu kasaniiru.

Dhaabbileen diimokiraasii labsii mataa isaaniin akka bulanii fi hojii isaanii bilisummaa fi loogii malee akka raawwataniif mootummaan gahee isaa bahachuus eeraniiru.

Dhaabbanni Abbagaar Ummataa mootummaa fi uummanni tajaajila maluuf akka argataniif haala dandeessisurra jiraachuu eeranii, uummanni aangoo dhaabbatichaa sirriitti beekee itti fayyadamuu akka qabu hubachiisuu isaanii TOI gabaaseera.

Dhaabbanni Abbagaar Uummataa dhaabbata diimokiraasii bu’uura Heera Mootummaa FDRI keewwata 55, keewwata xiqqaa 15’n, labsii lakk. 211/1992’n  hundeeffame ta’uun ni beekama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment