Finfinnee, Ebla 14, 2017(FMC) – Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa (IMF) misoomaafi guddina Itiyoophiyaaf deeggarsa kennu cimsee akka itti fufu ibseera.
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa obbo Maammoo Mihiratuu fi Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen Daayrektara Baankii Maallaqaa Addunyaa Kiristaaliinaa Joorjiyeevaa waliin mari’ataniiru.
Kiristaaliinaa Joorjiyeevaan, maricha ilaalchisee ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, obbo Maammoo Mihiratuu fi obbo Ahimad Shidee waliin fooyya’iinsa diinagdee Itiyoophiyaarratti marii bu’a qabeessa mari’achuu ibsaniiru.
Dhaabbatichi misoomaafi guddina Itiyoophiyaaf deeggarsa kennus cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.