Dhaabbileen bu’a qabeessummaa sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuuf qindoominaan akka hojjetan gaafatame 

Finfinnee, Bitootessa 19, 2017( FMC)- Bu’a qabeessummaa sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuuf dhaabbileen hojimaata qindaa’aafi walsimu hojiirra oolchuu akka qaban Ministirri Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu Allebal ibsan.

Raawwiin hojii baatiiwwan saddettan darbanii  Kilaastaroota sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuu shanii gamaaggamamaa jira.

Obbo Malaakuu Allebal, sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuun hojiileen jijjiirama fidan hedduun hojjetamuu yaadachiisanii, koreewwan kilaastaroota shananii bu’aa qabeessummaa sosochichaaf gahee olaanaa bahachuu eeraniiru.

Guddina damee oomishaaf hirmaannaan dhaabbilee hundaa barbaachisaa ta’uu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

Ce’umsa indaastirii ariifachiisuuf bu’aalee galmaa’aa jiran cimsuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Comments (0)
Add Comment