Finfinnee, Ebla 2, 2017 (FMC) – Dhaabbileen Turki filannoowwan misooma Invastimantii Itiyoophiyaarratti bobba’uuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.
Turkitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Adam Mahaammad abbootii qabeenyaa Turkii hojiilee Invastimantii adda addaarratti bobba’an waliin mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Adam Mahaammad,filannoowwan Invastimantii, damee Faayinaansii fi haala Invastimantii Itiyoophiyaa ilaalchisee dhaabbilee kanneenif ibsa taasiisaniiru.
Abbootiin qabeenyaa kunneenis ibsa taasiifameef galateeffachuun filannoon Invastimantii Itiyoophiyaan qabdurratti hojjechuu kan barbaadaan ta’uu ibsuu ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia