Finfinnee, Ebla 20, 2017 (FMC) – Dhaloota itti aanu ijaaruuf barnoonni, teeknooloojii fi ogummaan murteessaa dha jedhan Ministirri Muummee itti aanaan Obbo Tamasgeen xurunaan.
Yaa’iin barnootaa, teeknooloojii fi ogummaa innooveeshinii Afrikaa 2025 Magaalaa Finfinneetti taa’amuu eegaleera.
Yaa’ichi qindeessummaa Minisiteera Barnootaa, Teeknooloojii fi Innooveeshinii, Ministeera Hojii fi Ogummaa fi ‘African Brains’n kan qophaa’e ta’uun ibsameera.
Yaa’icharratti Ministirri Muummee itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa, Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaa, Ministirri Ministeera Teeknooloojii fi Innooveeshinii Dooktar Ballaxaa Mollaa, Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamiil fi hoggantonni biyyoota Afrikaa damichaa biroon argamaniiru.
Obbo Tamasgeen haasawaa taasisaniin, dhaloota itti aanuu ijaaruuf barnoonni, teeknooloojii fi ogummaan murteessaa ta’uu kaasuun, yaa’ichaan mariin hiikaa qabuu fi hojirra oolu akka gaggeeffamu abdii qabaachuu ibsaniiru.
Mootummaan Barnootaa fi ogummaa giddugaleeffachuun manneen barnootaatti ijaarsa bu’uuraalee misoomaa foyyeessuun, ijaarsa neetwoorkii dijiitaalaa fi ogumma kalaqaaf xiyyeeffannoo kenne hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Akka Afrikaatti damichaan jijjiiramni barbaadamu akka dhufuuf waloon kan hojjetamu ta’uus dubbataniiru.
Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaan gamasaaniin, addunyaan amma irra jiru walxaxxaa ta’uu himuun, dhalotaafi dargaggoota barnoota, teeknooloojii fi ogummaan qopheessuu kan gaafatu ta’uu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.