Dhamaatii fi carraaqiin baatiwwan salgan darbanii bu’aa galmeessera – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 4, 2017 (FMC) – Dhamaatii fi carraaqiin baatiwwan salgan darbanii bu’aa galmeessuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Bu’aa argameen osoo of hin dagatin milkaa’ina caaluuf tattaafachuun murteessaa ta’uu himaniiru.

Gamaaggamni raawwii hojii baatiwwan salgan darbanii bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira.

Baatiwwan 9’n darban raawwiin hojii karoora ol galmaa’uu ergaa gamaaggamicharratti dabarsaniin himaniiru.

Dhamaatii fi carraaqiin bu’aa qabatamaan galmaa’uu agarreerra jedhan.

Milkaa’inoonni dameewwan hundaan argaman hojii dabalataaf kaka’umsa kan uumuu fi badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.

Bu’aa argameen osoo of hin dagatin milkaa’ina caalaaf hojjechuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ityoophiyaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment