Finfinnee, Amajjii 27, 2017 (FMC)-Dhibeen beelladootaa dhiibbaa jireenya fayyaalessaa lammiileerratti qabu hubachuun rakkocha furuu akka barbaachisu Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaan ibsan.
Yaa’iin Dhaabbata Fayyaa Beelladaa Addunyaa 26ffaan Sadarkaa Ardii Afrikaatti gaggeeffamuu eegaleera.
Obbo Tamasgeen Xurunaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Sagantaa Maaddii Guutuun qulqullinaa fi dhiyeessii nyaataa beellaadaa fooyyessuuf hojiilee hojjetamaniin, nyaata albuudaan badhaadhan oomishuun sirna nyaataa fooyyessuu fi fayyaa beelladaa eegsisuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Akka Ardiitti dhibee beelladootaa qormaata ta’e ittisuuf, Inistitiyuutii Eegumsa Fayyaa Beelladaa Biyyaalessaa hundeessuurraa eegale dhibeewwan beelladootaa daangaa ce’oo to’achuu fi ittisuuf hojiilee bal’aan hojjetamuu ibsaniiru.
Tajaajilli wal’aansa beelladootaa akka cimuuf damee daldalaa beelladaa fi bu’aalee beelladaarratti seeronni eegumsa fayyaa akka kabajamuuf walta’iinsi jiru cimee itti fufuu akka qau dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia