Finfinnee, Amajjii 23, 2017 (FMC) – Dhibeen Ilkaanii dhibeewwan miiraa dhukkubbii cimaa uumaan keessaa isa tokkoodha.
Dhukkubni Ilkaanii rakkoowwan fayyaa naannawaa Ilkaanii dabalatee Lafee Ilkaan hammatuu fi Irga Ilkaaniitti uumamaniin dhufaniidha.
Dhukkubni Ilkaanii cabuu, baqaquu, Nyaatamuu, urachuu, tortoruu ilkaanii fi Infeekshinii Irgaa fi narvii irraa akka madduu danada’u Ispeeshaaliistiin Ortoodeentistii fi Sadarkaa gargaaraa Piroofesaraatti Barsiisaan Yuuniversiitii Jimmaa Dooktar Darajjee Warquun ibsaniiru.
Dhibeen Ilkaanii bakka uumama isaarraa kan ka’e miira dhukkubbii adda addaa akka qabus Dooktar Darajjeen eeraniiru.
Akkaataan darbiinsa isaas garaagarummaa qaba jedhu.
Dhibeen Urachuu Ilkaaniin dhufu namarraa namatti kan hin darbine yoo ta’u, dhukkubni ilkaanii Irgaan walqabatee dhufu garuu Baakteeriyaawwan tokko tokkon namarraa namatti darbuu akka danda’an ibsaniiru.
Gosa Ilkaanirratti hundaa’uunis dhukkubni Ilkaanii dhiigan/sanyiin namarraa namatti darban jiraachuu eeraniiru.
Kunis jabinaa fi laafina Ilkaaniirratti hundaa’a jedhan.
Kana malees haala jireenyaa bu’uureffachuun akaakuu nyaataa namni fayyadamurraan kan dhufu ta’uus kaasaniiru.
Dhukkubbiin Ilkaanii yeroo gara yerootti dabalaa dhufuu kan himan Dooktar Darajjeen, kunis sadarkaan jireenya ilmaan namaa jijjiiramaa dhufuun nyaanni warshaan qophaa’anii fi hamma Sukkaaraa baay’ee qaban nyaachuun dabalaa waan dhufeefi jedhan.
Dhibeen kun daa’immanirratti kan heddummatu ta’uus kaasaniiru.
Kunis Ilkaanii daa’immanii laafaa ta’uu fi nyaata sukkaarri itti heddummatu baay’inaan waan fayyadamaniifidha.
Qulqullina Ilkaan isaanii eeggachuu dadhabuun isaaniis rakkoon kun akka isaanitti dabalu sababa tokko ta’uu eeran.
Hawaasa Addunyaa keessaa % 35 ol dhukkubbii Ilkaaniif kan saaxilaman ta’uu Dooktar Darajjeen Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Hammi facaatii isaa garuu naannoo naannootti, biyyaa biyyaatti garaagarummaa qabaachuu kaasaniiru.
Dhibeewwan biroo dhukkubbii Ilkaaniif sababa ta’an jiraachuu fi Dhukkubbiin Ilkaanis dhibeewwan biroof sababa ta’uu akka danda’u ibsaniiru.
Akka fakkeenyaattis Dhibeen Sukkaaraa dhibeewwan Dhukkubbii Ilkaaniif sababa ta’an keessaa isa jalabaa ta’uu eeraniiru.
Dhibeewwan Onnee fi Sombaas dhukkubbii Ilkaaniif ka’umsa ta’uu yoo danda’anis sadarkaan isaanii gadi aanaa ta’uu eeraniiru.
Dhukkubbiin Ilkaanii yeroon yoo hin yaalamne miidhaa lubbuu qaqqabsiisuu akka danda’ullee kaasaniiru.
Dhibeen Ilkaanii yeroon yoo hin yaalamne Fuulaa fi Morma dhiitessuun gara ukkaamsaatti jijjiiramuun miidhaa lubbuu geessisuu akka danada’u himaniiru.
Dhibichi sadarkaa kanarra gahe taanaan % 40’ carraa lubbuu namaa dabarsuu akka danda’u eeraniiru.
Dhukkubbiin isaa walitti fufiinsaan guyyootaaf yoo namarra ture mana yaalaatti yaalamuun dirqama ta’uu yaadachiisaniiru.
Qoricha farra dhukkubbii fudhachuu fi Ilkaan miidhame buqqisiisuunis furmaata akka ta’e himan.
Dhukkubicha namni kamuu haala salphaan dursee ofirraa ittisuu akka danda’u kan kaasan Dooktar Darajjeen, qulqullina Ilkaanii fi dhuunfaa eeggachuun dhibicha haala salphaan guutummaatti to’achuun akka danda’amus ibsan.
Namni tokko guyyaatti yeroo lama Ilkaan isaa qulqulleeffachuu akka qabus hubachiisan.
Nyaata Sukkaarummaa baay’ee of keessaa qabu xiqqeessuu fi nyaatichaan booda Ilkaanii fi Afaan qulqulleeffachuun murteessaa ta’uus eeraniiru.
Dabalataanis namni tokko waggaatti yoo xiqqaate yeroo lama Ilkaan isaa mana yaalaatti yoo dhiqsiifate caalmaatti filatamaa ta’uu dubbataniiru.
Keessattuu maatiin Ilkaan daa’imman isaanii of eeggannoon qulqulleessuun daran barbaachisaadha jedhan.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia