Finfinnee, Guraandhala 25, 2017 (FMC)- Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Geediyoo Magaalaa Diillaatti Piroojektiin bishaan dhugaatii Birrii Miiliyoona 300 fi miiliyoona 80’n ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banameera.
Piroojekticha Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa fi Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Xilaahuun Kabbadaan eebbisuun tajaajila eegalchiisaniiru.
Baajanni Piroojektichaa Ministeera Bishaanii fi Inarjiin kan uwwiiffame yoo ta’u, lammiilee kuma 100 fi kuma 92 fayyadamoo taasisa jedhameera.
Alemsaggad Asaayyeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia