Finfinnee, Amajjii 17, 2017(FMC) – Dinagdeen Itiyoophiyaa guddina itti fufiinsa qabu galmeessisaa jiraachuu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan ibsan.
Dinagdeen Itiyoophiyaa erga jijjiiramni biyyaalessaa dhufee guddina olaanaa walitti fufiinsa qabu galmeessisaa jira jedhan.
Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan tattaaffii riifoormii biyyaalessaa fi bu’aa argame ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Waggoottan shanan darban keessa dinagdeen biyyattii weerara Covid-19, dhiibbaa jijjiirama qilleensaa, fi qormaata nageenyaa mo’achuun giddu galeessaan guddina % 7.2 galmeessisuu isaa ibsaniiru.
Guddinni galmaa’e kun Itiyoophiyaan biyyoota addunyaa guddina olaanaa wal irraa hin cinne galmeessisan keessaa tokko akka taate ibsaniiru.
Haaluma kanaan dinagdee guddaa Baha Afrikaatti 1ffaa, Afrikaa Sahaaraa gadiitti 3ffaa, Afrikaa keessatti ammoo 5ffaa ta’e ijaaruun danda’ameeras jedhan.
Mootummaan waggoota shanan darban sassaabbi galii guddisuu irra darbee liqaa kuufamaa hir’isuun liqaa doolaara biiliyoona 10 deebisuu eeraniiru.
Haaluman kanaan shallaggiin dhiibbaa liqaan oomisha waligalaa biyyattii( GDP) irratti qabu % 30 ture gara % 13.7tti gadi bu’uu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.
Fooyya’iinsi dinagdee gooroo yaa’iinsi sharafa alaa dinagdee biyyattii keessa akka jiraatu gochuu fi dandeettiin bittaa sharafa alaa baankotaa gurgurataa irra dabaluus ibsaniiru.
#Oromiyaa #Ethiopia